ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Qeeqxuun Vilaadmiir Puutiin Aleeksii Navalny mana hidhaa keessatti du’uu aanga’oonni Raashiyaa Jimaata har’aa beeksisaniiru. Aleeksiin umriin isaa 47tti addunyaa kana irraa boqote.
Navalny bara 2021tti Jarman irraa gara Raashiyaatti deebi’uun yeroo yaaliin ajjeechaa summii raawwatame jedhamee ture shakkamee to’annoo jala oole.
Ibsi tajaajila mana hidhaa Yaamaaloo-Nenets, bakka Navalny itti hidhame irraa kenname, ”deemsa booda fayyaa dhabuun itti dhaga’amee, battalumatti jechuun ni danda’ama of wallaalee” jedha.
Hojjettoonni yaalaa “battalumatti” akka dhufanii fi “tarkaanfiiwwan lubbuu deebisuu barbaachisoo ta’an hundi akka raawwatan” bal’inaan ibseera, garuu du’a oolchuu hin dandeenye jedhe.
“Doktoroonni fayyaa hatattamaan du’a nama mootummaan Puutiin yakkamaa jedhu kanaa mirkaneessaniiru,” jechuun ibsichi dabalee ibseera.
Navalny ogeessa seeraa gara biloogar, YouTuber, qindeessaa mormii, rogeessaa farra malaammaltummaa fi fuula mormitoota Raashiyaa ture.
Maanguddoon ganna 47 kun Pirezidaantii Vilaadmiir Puutiin fi garee keessoo isaanii kan malaammaltummaa fi badhaadhina bal’aa horatan qeequudhaan maqaa gaarii argate.
Ibsa dhaabbati oduu mootummaa Raashiyaa TASS baaseen, Puutiin waa’ee du’a isaa odeeffannoo dabalataa kan hin qabne ta’us, du’a diina isaa garuu dhaga’eera.
Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa, Dimitriy Peskov, TASS wabeeffachuun akka jedhetti, tajaajilli mana sirreessaa federaalaa du’a isaa ilaalchisee sakatta’iinsa barbaachisaa hunda gochaa jira.
Gareen Navalny garuu du’a nama siyaasaa kanaa waan mirkaneessu akka hin arganne himaniiru.
Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa Jimaata har’aa du’a Navalniy – kan Biraaselsii fi magaalota gurguddoo Gamtaa Awurooppaa raasee – Raashiyaa Puutiiniin komatan.
“Gamtaan Awurooppaa du’a gaddisiisaa kanaaf mootummaa Raashiyaa qofatu itti gaafatamummaa qaba,” jechuun Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Chaarlis Misheel waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti dubbataniiru.
Jecha Misheel kana kan dubbatan bakka bu’aa olaanaa dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa kan ta’an Joozeep Booreel yoo ta’u, “Ifa haa taanu: kun itti gaafatamummaa Puutiin qofaadha” jedhan.
”Raashiyaan bilisummaa isaa fi lubbuu isaa fudhatte malee kabaja isaa hin fudhanne,” jedhan Pirezidaantiin Paarlaamaa Awurooppaa Roobartaa Meetsoolaa.
Pireezidaantiin Ameerikaa Baayiden Pirezidaantii Raashiyaa Puutiin Aleeksii Naavaalniin yoo mana hidhaa keessatti du’e deebiin akkamii akka Raashiyaa mudatu akeekkachiisuun, tarkaanfii akkamii akka fudhatan garuu hin ibsine.
Haa ta’u malee Raashiyaa irratti Ameerikaan lola karaa Yukireenii fi qoqqobbii adda addaa irratti geggeessitus Raashiyaa dhaabuu waan hin dandeenyeef akeekkachisa Joo Baayiden kana namootni ija shakkiin ilaalan hedduu ta’uu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru.
Godina Harargee bahaa aanaa Gola Odaa magaalaa Burqaa keessatti maatii tokko irratti hidhaa fi reebichi raawwatame
ONM-ABO Guraandhala 16, 2024 Uummanni Oromoo yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti gaagaa’ama hamaa keessatti kufanii kan jiran yoo ta’u, kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa gochoota dhala namaa irratti hin raawwatamne hawaasa nagaa irratti dalaguun dararaa raawwachaa jiru.
Harargee bahaa aanaa Gola Odaa magaalaa Burqaa keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 15, 2024 abbaa maatii jahaa kan ta’e nama maqaan isaa Hamzaa Bahaa jedhamu jalaa mana isaa diiguun isa irrattis reebicha ulfaataa erga raawwataniin booda mana hidhaatti galchanii jiraachuus ibsan.
Maatii isaa Urjii Hamzaa fi Mawardi Hamzaa kan jedhaman irrattis reebicha hamaa irratti raawwachuun bakkeetti gatanii akka deeman dabaluun dubbatu.
Namni maatii kana irratti gochoota fokkisoo raawwate kun Muhaammad Ahimad bulchaa gandaa akka ta’es dabaluun ibsaniiru.
