ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Murni bilxiginnaa ija isaa gara waraanaatti qofa deeffachuun rakkoo karaa bu’uuraalee misoomaan hawaasa miidhan cinatti dhiisuun, uummannis karaa tokkoon waraanaan karaa biroon ammoo misoomaan miidhama guddaa keessummeessaa jiru.
Aanaa Habroo araddaa lakkoofsa 14 keessatti tajaajilli bishaan dhugaatii gandoota shanii ol irraa citee jiraachuu ibsuun, hanqinaa fi rakkina kana hawaasni irra deddeebi’ee gara araddaa fi koree bishaaniitti iyyatus rakkoon kun waggaa tokkoo oliif kan turee fi daran hammaatuu malee furmaata hin argannes jedhan.
Koreen nuti waajjira bishaanii aanaatu magaalaa Daaloo qofa tajaajiluu qaba, gandoota magaalaan alala ta’aan irraa kutaa nuun jedhe kanaaf kunne jedhan jechuun hawaasni dubbatu.
Garuu bishaan kun waggaa saddeetii oliif gandoota torbaaf tajaajila waloo kennaa kan ture, amma garuu ganda Daaloo malee gandoota kaan Daaloo irraa kan hafe kan akka Galaan, Wadaroo, Loode, Haxuree salaataa, Haxuree daadhii fi Gooroo qubbii kanneen jedhaman tajaajila bishaanichaa argachaa kan hin jirree fi bishaan liitira 20 qarshii kudhaniin warra Daaloo irraa bitachaa jirus jedhan.
Fageenya dheeraa deemuun hawaasni rakkoo keessa jira, keessattuu haawwanii fi ijoolleen miidhama guddaa keessa jiru jechuun maal na dhibdeen uummata dararaa jiru malee waanuma yeroo dhihootti furmaata argatu tures jedhan.


