ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden Kamisa kaleessaa ammas Muummicha Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun karoora amanamaa fi raawwatiinsa qabuun lammiilee nagaa Falasxiin eeguu malee tarkaanfii waraanaa Raafaa keessatti fudhachuu akka hin qabne himaniiru jechuun Waayit Haawus beeksiseera.
Waamichi Kamisa kaleessaa hoggantoota lamaan gidduutti taasifame kun torban tokko kan hin guunne keessatti yeroo lammataaf Baayiden karoora nageenya namoota gara miliyoona 1 ta’an kanneen achitti gaaddisa godhatan mirkaneessuu malee gara kutaa kibbaa Gaazaatti ce’uun akka hin danda’aamne akeekkachiisan.
Akkasumas waa’ee marii booji’amtootaa itti fufee jiru kan dubbatan yoo ta’u, Baayiden namoota booji’amtoota guyyoota 132f Hamaas bira jiran bilisa baasuuf gargaaruuf sa’a guutuu hojjechuu itti fufuuf waadaa galaniiru jedha Waayit Haawus.
Humnoonni Israa’el Kamisa kaleessa hospitaala guddaa Gaazaa hojiirra jiru weeraruun isaanii himuun, weerarri kun hiree dhukkubsattootaa fi hojjettoota yaalaa dhibbaan lakkaa’amanii fi lammiilee Falasxiinota buqqa’an hedduu waraana kana irraa achitti gaaddisa barbaadan irratti sodaa haaraa uume.
Hospitaala kana keessatti lolli kun kan uumame Israa’el haleellaa ishee gara Raafaa, bakka Gaazaa keessaa nageenya qabu isa dhumaa ta’etti dhiibuuf erga dhaadattee booda yoo ta’u, Raafaa irraa akka of qusattu dhiibbaan idil-addunyaa guddachaa jira.
Jalqaba baatii kanaa Baayiden tarkaanfiin waraanaa Israa’el Gaazaa keessatti fudhatte “hammaa ol” ta’uu ibsuun, naannoo Falasxiin keessatti lakkoofsi namoota nagaa du’anii dabalaa dhufuu isaatiin yaaddoo guddaa qaban ibsaniiru.
Waraanni kun Onkoloolessa 7 kan jalqabe yeroo Hamaas Iraaniin deeggaramu loltoota gara Israa’elitti erguun namoota 1,200, irra caalaan isaanii namoota nagaa ta’an ajjeesuu fi akka lakkoofsi Israa’el ibsutti namoota 253 booji’aman to’annaa jala oolcheeti.
Haleellaan qilleensaa fi lafaa Israa’el ergasii Gaazaa xixiqqoo, kan namaan guutamte barbadeessee, akka aanga’oonni fayyaa Gaazaa jedhanitti namoonni 28,663, irra caalaan isaanii namoota nagaa ta’an ajjeese, akkasumas jiraattota ishee miliyoona 2 ol ta’an hunda jechuun ni danda’ama mana isaanii irraa dirqiin buqqiseera jechuun Arab News gabaaseera.













