• Wed. Nov 25th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar siitii kutaa magaalaa Furii keessatti ilmi Oromoo tokko warshaa karameellaa keessatti daakamuun lubbuun darbuun beekame

Feb 19, 2024

ONM-ABO Guraandhala 19, 2024

Dhiibbaa dinagdee fi rakkoo hojii dhabdummaa isaan mudatu irraa jireenya isaanii foyyeeffatanii jiraachuuf jecha ilmaan Oromoo bakkeewwan adda addaatti lubbuun isaanii gatii tokko malee ba’uu irratti argama.

Barnoota muummee Giyooloojii barachuun mooraa yuuniversiitii Wallaggaa irraa kan ba’e dargaggoo Karrasaa Nigaatuu jedhamu dhalataa godina lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo kan ta’e bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Furii bakka Nook jedhamutti warshaa karameellaa oomishu keessaa osoo hojjetuu Over time siif kaffala jedhe abbaan qabeenya hojii galgalaa galchee akka ture hiriyyootni isaas dubbatu.

Akkuma kanaanis torban 2n darbe Keessa sababoota hin beekamneen lubbuun dargaggoo kanaa ba’uun kan himamu, abbaan qabeenyaa warshaa kanaas haadha warraa nama ajjeefamee kanas ofitti waamuun beenyaa siif kaffala jechuun yeroof tasgabbeessanii akka turanis himu.

Haadhi warraa Karrasaas Ilfee Dabalaa kan jedhamtu yeroo ammaa daa’ima xiqqoo waliin mana kiraa keessatti rakkoof saaxilamtee akka jirtu maddeen dubbatu.

Abbaan qabeenyaa warshaa kanaas beenyaa lubbuu dargaggoo kanaaf kaffalamu nan kaffaala jedhee turus, yeroo ammaa garuu haadha warraa Karrasaa daa’ima xiqqoo waliin rakkachaa jirtu sin beeku jechuun lubbuu badetti qoosuun hiree daa’ima isaa fi haadha warraa isaa badiif saaxilee jiraachuun beekameera.

Leave a Reply