• Tue. Nov 24th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaatti Diggaa, Jimmaa Gannatii fi Horroo naannoo Baqqaleetti manneen maatii qabsaa’otaa waraana shiftaa Abiy Ahimediin gubatan

Feb 19, 2024

ONM-ABO Guraandhala 19, 2024

Waraana faashistii PP namoota nagaa maqaa maatiin itti gaafatamummaa fudhachuu qabuun gochaa maatii malee ilma keetu miseensa WBOti akkasuma Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun ajjeechaa dabalatee hanga manneen gubuutti itti fufanii jiru.

Bifa haaraan bara kana keessa mana maatii qabsaa’otaa gubuun daran hammaatee jiraachuun namoonni hedduunis manaa ala ta’aanii jiruu bakkee fi harka namaa ilaaluuf dirqamanii jiru.

Haaluma kanaan Guraandhala 16,2024 Horroo Guduruu Wallaggaatti Diggaa, Jimmaa Gannatii, Horroo naannoo Baqqalee jedhamu waraanni maqaaf nageenya uummataa eeguu jedhuun bobbaafaman kunneen obbo Kumaa Tamasgeen jedhamu jalaa ilmaa keessantuu miseensa WBOti jechuun mi’a mana keessaa dabalatee mana jalaa gubanii barbadeessuu jiraattotni gandichaa ONMtti dubbatan.

Leave a Reply