ONM-ABO Guraandhala 19, 2024
Godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa ganda Qoomaa Oochaa keessatti manni miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo qabeenya guutuu waliin waraana faashistii PPn gubatee barbadaa’e.
Waraanni ganda Qoomaa Oochaa keessatti torbee darbe Guraandhala 12, 2024 sababuma namootni kunneen sirnichaan falmuuf qawwee kaasaniif qofa warra nagaan qe’ee isaanii jiraatan yakkamaa gochuun gocha suukanneessaa irratti raawwatan.
Gubachuu manneenii kanaanis maatii waan nyaatuu fi uffatu dhabuun bakkeetti faca’ee jira.
Gandicha keessatti manneen gubaniin alattis nama Eddasoo Banataa jedhamu jalaa midhan guutummaatti jalaa gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.





