ONM-ABO Guraandhala 20, 2024
Murni bilxiginnaa lola Impaayerattii keessatti adeemaa jiruun kisaaraa guddaan irra kan qaqqabe yoo ta’u, maqaa inshuraansii fayyaa fi gibiraa jedhuun waggaa keessatti yeroo lamaa fi isaa ol uummata irraa saamanii ittiin of utubuuf hojjechaa kan jiran ta’uun ni beekama.
Guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 19, 2024 baha Wallaggaa godinoota akka Guutoo Giddaa, Giddaa Ayyaanaa, fi Giddaa Kiiramuu keessatti kaabinoonni fi waraanni sirnichaa uummata dirqamaan walgahii yaasuun maallaqa xaa’oo amma yeroon kaffaladhaa jechuun sobanii uummata saamuuf mariisiisaa turuu ibsan.
Akka jiraatan aanaa Guutoo Giddaa magaalaa Ukkee tokko yaada isaa ONMtti himetti kaabinoonni kunneen waraana waliin ta’uun gatii xaa’oo amma kaffaluu qabdu namni amma hin kaffalle xaa’oo booda fudhachuu hin danda’u jechuun doorsiisaa turuus hima.
Dabaluun akka jedhetti taatee takkaa ta’ee hin beekneedha kun, yeroo jalqabaaf waan kana dhaga’uu kooti jechuun, gochoonni isaanii kunis tooftaa isaan ittiin uummata saamuuf karoorfatanii itti jiran waan ta’eef uummanni irraa of eeggannoo akka godhatanis dhaammataniru.

