• Thu. Nov 26th, 2026

Harargee lixaa aanaa Gammachiis keessatti maqaa hidhata WBO waliin qabdu jedhuun namootni baatii tokkoo oliif hidhamuun hiraarfamaa jiraachuun beekame

Feb 21, 2024

ONM-ABO Guraandhala 21,2024

Bilxiginnaan impaayera Itoophiyaa bulchuuf dhiibbaa uumaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa akka waan leellistoota sirna Minilikiin faallaa jiruutti afaanfaajjii uumee Oromoo goyyoomsuuf yaalus irra guddaa kan isaan sodaachise Oromoo ta’uu hubachuun ilmaan Oromoo irratti maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun, saamicha, hidhaa fi ajjeechaa raawwatan jabeessaa jiru.

Bifuma kanaanis godina lixa Harargee aanaa Gammachiis ganda Waleensoo jedhamu keessatti Jiraattotni nagaan maqaa dharaan yakkamuun baatii tokkoo oliif hidhamanii jiran maqaan isaanii, Ibraahim Alishoo, Fu’aad Ibrahim Alishoo fi Abdallaa sheek Muusaa kanneen jedhaman akka ta’e Jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Yerooodhaa gara yerootti irra deddeebiin kan hidhamaa jiru, Ibraahim Alishoo torbee 1 dura mana hidhaatii baasuun yeroo amma ammoo isas hidhaatti deebisuun loon isaa sadiis ooffachuun hidhanii akka jiran dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply