• Wed. Nov 25th, 2026

Pirezidaantiin Masrii sababa waraana Gaazaatiin galiin Sulula Su’iiz dhibbeentaa 40-50 gadi bu’uu himan

Feb 21, 2024

ONM-ABO Guraandhala 21, 2024

Prezidaantiin Masrii Abdel-Fattah al-Sisi, erga waraanni Gaazaa irratti ka’ee fi waldhabdeen dhiheenya kana Galaana Diimaa keessatti uumamee as galiin Sulula Su’iiz dhibbeentaa 40-50 hir’achuu ibsaniiru.

Sisiin kana kan dubbatan agarsiisa anniisaa Masrii (EGYPES 2024) mata duree “Ce’umsa Annisaa, Nageenyaa fi Kaarboonii gadi xiqqeessuu” jedhuun Guraandhala 19-21tti agarsiisa eebbaa geggeeffamu irratti.

Koridooriin doonii kun duraan waggaatti doolaara Ameerikaa biiliyoona 10 Masrii fida kan jedhan Siisiin, mootummaan dirqama maallaqaa dhaabbilee misoomaa fi dhaabbilee faayinaansii kaffaluuf akka jiru himaniiru.

Gama biraatiin ammoo, haala dinagdee rakkisaa biyyoota ardii Afrikaa mudachaa jiru, akkasumas baasii guddaa gama tekinooloojiin dabaluu isaa ilaalchisee, qormaanni Masrii fi walumaa galatti biyyoota Afrikaa mudachaa jiru, dhiyeessii anniisaa mirkaneessuu, ce’umsa anniisaa galmaan gahuu, fi gadi lakkifamuu hir’isuu kan dabalatu kan ta’uu ibsaniiru.

Ji’a Amajjii keessa dura taa’aan Abbaa Taayitaa Sulula Su’iiz Osaamaa Raabiyee, bara darbe yeroo walfakkaataa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, tiraafikoonni doonii dhibbeentaa 30n hir’achuu isaa kan beeksisan yoo ta’u, kunis waldhabdee Galaana Diimaa dhiheenya kana uumameen kan walqabateedha jedhan.

Erga bara darbe Onkoloolessa keessa waldhabdeen Israa’elii fi Hamas gidduutti uumamee as gareen Huutii Yaman keessa jiru dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran kanneen Israa’el waliin hidhata qaban irra deddeebi’anii haleeluun isaanii ibsameera.

Ameerikaa fi Biriteen haleellaa Huutii naannichatti raawwatameef deebii kennuudhaan baatii Amajjii irraa eegalee iddoowwan waraanaa Huutii magaalaa guddoo Yaman Sanaa fi bulchiinsa garee kanaa jala jiran biroo irratti haleellaa xiyyaaraa hedduu bananii turuu Dhaabbanni Oduu Chaayinaa Jiinuwaan gabaaseera.

Leave a Reply