ONM-ABO Guraandhala 23, 2024
Somaaliyaa keessatti hanga Amajjii 2024tti sababa rifannaa gogiinsa irra deddeebii, lolaa fi walitti bu’iinsa dabalatee namoonni miiliyoona 3.45 ol biyya keessaa buqqa’uu isaanii Dhaabbati Godaansa Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
Akka Dhaabbanni Godaantota Idil-addunyaa (IOM) jedhutti, buqqaatonni biyya keessaa (IDPs) harki guddaan (dhibbeentaa 88) iddoowwan buqqa’an keessa kan jiraatan yoo ta’u, hawaasa itti baqatan keessa kan jiraatan dhibbeentaa 12 qofa ta’uu dhaabbati oduu Xinhua gabaaseera.
IOMn gabaasa madaallii isaa isa haaraa magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti baaseen, “Buqqaatota bara 2023 adda baafaman miiliyoona 3.5 keessaa dhibbeentaan 84 naannoo magaalaa keessa kan turan yoo ta’u, iddoowwan buqqaatota gara 4,000tti siqan qubatan,” jedheera.
Iddoowwan buqqaatota Somaaliyaa keessa jiran qubsuma al-seerummaa yoo ta’an, irra caalaan isaanii lafa dhuunfaa irratti. Kanarraa kan ka’es dhimmoonni nageenya qabiyyee lafaa qormaata guddaa waan ta’aniif, yeroo baay’ee buqqaatonni dabalataan humnaan buqqifamuuf saaxilamu.
Akka IOM jedhutti, hanga Amajjiitti, naannolee 17 fi bakkeewwan madaalaman 10,999 keessattis namoonni deebi’an gara 155,710 fi jiraattota miliyoona 9.05 ta’an kaartaan kaafamaniiru.
Namoonni deebi’an harki caalaan (dhibbeentaa 81) baadiyyaa kan jiraatan yoo ta’u, dhibbeentaan 19 ammoo qubsuma magaalaa keessa kan jiraatan ta’uun ibsameera.
Namoonni deebi’an irra caalaa naannoo Baay fi Bakool (dhibbeentaa 44 fi dhibbeentaa 32, akkaataa wal duraa duubaan) keessatti kan walitti qabaman turan,” jechuun IOM dabalee ibseera.
Somaaliyaan erga bara 1991 waraanni biyya keessaa ka’ee as waldhabdee, jeequmsa fi balaa uumamaa lakkoofsa hin qabneen muddamtee jirti.
Kunis Somaaliyaa keessattis ta’e biyyoota ollaa fi achiin alattis buqqa’iinsa gurguddaa irra deddeebi’ee mul’atu taasiseera jedhe IOM.
















