• Mon. Mar 16th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Awaash Bunee keessatti humnoonni sirnichaa hidhaa, saamichaa, reebicha fi gudeeddii hamaa jiraattota irratti rawwachaa jiraachuu jiraattonni dubbatu

Feb 24, 2024

ONM-ABO Guraandhala 24, 2024

Afaan qawween uummaticha cafaqanii akka barbaadanitti bulchuu isa jedhu ofitti fudhachuun murni bilxiginnaa gochoota dhala namaaf hin malle akkasuma safuu hawaasaa hin ibsine guyyuu hidhattootni kunneen raawwachaa oolu.

Haaluma kanaan Kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Awaash Bunee keessa hidhattootni sirnichaa konkolaattoota Uggura cabsanii turan irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhatee ture eegaa jiran, namoota karaa irratti argan saamicha, hidhaa, reebichaa fi gudeeddi shamarran irratti hammeessuu dubbatu.

Hidhattootni kunneen dargaggoota hedduu ija shakkiin ilaalun reebicha hamaa irratti raawwachuun kan hidhan yoo ta’u, akkasuma namoota karaa sanaan darban saamicha maallaqaa hanga faayaalee mormaatti saamuus dabaluun ibsaniiru.

gandicha keessatti shamarran dirqamaan abbaaf haadha biratti gudeeddii irratti rawwachaa kan jiran ta’uu himuun, akkasuma karaa irrattis dirqamaan qabanii gocha safuu hawaasaa hin ibsne kana raawwachaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.

Uummatni gandichaa rakkoo saamichaa dabalatee akkasuma gochoota safuu hawaasaa hin ibsineen rakkoo ulfaataa keessatti kufanii jiraachuu fi sirnichi uummaticha gidirsuuf karoora jabaa baafatee akka itti jiru kan nama shakkisiisu mitis jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading