ONM-ABO Guraandhala 24, 2024
Gareen humnaan impaayera Itoophiyaa bulchuu fi karoora sirnoota moofaa darbanii milkeessuuf carraaqu bilxiginnaan, namoota nagaa qe’ee isaanii irraa qabee hidhuun fedhu ajjeesaa gariin ammoo adda waraanatti erguun hirbaata rasaasaa gochaa kan jiru dheengadda Guraandhala 22,2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa irraa namoota 24 ukkaamsuun himame
Akka Jiraattotni jedhanitti namootni butaman kunneen dargaggootaa fi jaarsoliin keessatti kan argaman ta’uu himuun, aanaa Daallee Waabaraa ganda kaarra-Jeenoo fi Mekkii-Dimbaar irraa ta’uus dabaluun dubbatu
Namootni waraanaa PP’n butaman muraasni maqaan nu ga’e Shariif Hiisaa, Guyyaasaa Lammeessaa, Lizaamuu Qaadiree, Miiftaa’uu Saadiq, Shobee Tamasgeen, Daawwit Aagaa, Raamataa Gammadaa, Shulaa Beenjuu ,Musxaafaa Raggaasaa, Mitikkuu Cibalee, Raamataa Shuundaa fi Alamaayyoo Abdiisaa kanneen Jedhaman keessatti argamu
Oduu biraatiin ammoo lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa bulchinsa magaalaa Qashimaandoo keessatti kaadirootni PP burjaajii uumuun lafa hawaasaa bakka gabaan itti daldaluu jalaa gurgurachaa akka jiranis himu
Dheengadda Guraandhala 22, 2024 lafa kaaree-kaareen addaan hiruun qarshii 5000-10,000tti gurgurachaa turuu fi maqaa gibiraa fi in-shuraansii fayyaa jedhuunis saamaa jiraachuunis beekameera.


