• Tue. Jun 9th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu irraa milishaan sirna bilxiginnaa 5n WBOtti makamuun himame

Feb 24, 2024

ONM-ABO Guraandhala 24, 2024

Bilxiginnaan jaarsolii biyyaa kabajaan qe’ee isaanii irra jiraatan gara addunyaa siyaasaatti oofuun fedhii fi karoora isaanii malee hojii loltummaatti dirqiin hirmaachisuun lammii irraa dhalatan akka ajjeesaniif golee Oromiyaa guutuu keessatti bobbaasuun ajjeechaa raawwachisaa Kan jiran, warreen shira sirnichi ilmaan Oromoof qabu hubatan ammoo ganuun WBOtti makamuu itti fufaniiru

Bifuma kanaanis Guraandhala 21, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu bulchinsa magaalaa Warra-Jirruu irraa milishootni baay’inaan 5n ta’aan mooraa PP keessaa baduun WBO bira nagaan akka ga’aan beekameera

Gama WBOtiinis simannaan ho’aan taasifamuufiin gorsa Oromummaa yakkoota osoo beekanis ta’ee osoo hin beekiin ilmaan Oromoo irratti raawwataniifis dhiifama gaafachuun gara fuula duraattis WBO waliin hiriiruun saba Oromoof gaachana akka ta’aanis waadaa seenaniiru

Mooraa sirna PP keessaas kilaashii 2 fi meeshaalee waraanaa garaagaraa qabatanii akka dhufanis dabaluun himaniiru

Xumura irrattis dhaamsa Oromummaa fakkattoota isaanii mooraa PP keessatti hafuun dhiibbaa saba Oromoo irratti taasisaa jiraniin yeroon gara WBOtti dabalamuun Oromiyaa walabaa ijaaruuf dammaqaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading