ONM-ABO Guraandhala 26, 2024
Caasaan murna bilxiginnaa rakkoo hawaasni qabu qoratee furmaata waaraa fiduu osoo qabuu jibba uummata Oromoo irraa qabuuf jecha guyyaa irraa gara guyyaatti waraana bobbaasee saamichaa fi hidhaa raawwachuu jabeessee jira
Bifuma kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa keessatti Guraandhala 23, 2024 maatiiin qabsaa’otaa baay’inaan guuramuun waajjira gandaa Angar keessatti hidhamanii jiraachuun himame
Namootni hidhamanii jiranis maqaan isaanii Haadha Caalaa, Hindaaluu kan Jedhamu dabalatee namootni hedduun yoo hidhaman, Faaris Jamaal Kan Jedhamu jalaa ammoo qabeenyaa qarshii 50,000 saamuun dukkaana keessaa gaarii 2’n fe’atanii deemuus jiraattotni ibsaniiru.
