ONM-ABO Guraandhala 27, 2024
Mootummoota abbaa irree impaayerattiin akka bineensaatti adamsamuun hidhaaf ajjeechaadhaan dararamaa kan jiru uummanni Oromoo ammas ergamtoota sirna bilxiqinnaan hidhaa hamaan irratti geggeeffamaa jira
Haaluma kanaan Godina Arsii bahaa aanaa Diksiis kanarraa Leencaa iddoo addaa Soolee jedhamu keessatti namoota 9 WBO waliin hidhata qabdu jechuun waajjira Poolisii aanichaa keessatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Akka jiraattonni jedhanitti Guraandhala 15, 2024, irraa kaasee waraanni bilisummaa Oromoo gandoota aanichaa keessa socho’aa waan tureef isintu fidee nu rukuchiisuuf jechuun namoota maqaan isaanii,
1. Sa’uudii Bakaree Fi obboleettii isaa
2. Mohammad Goolloo
3. Kurkee Gannaa
4. Kadir Maammaa
5. Abbuu Baattalloo
6. Amiinoo H/Gooshee
7. Sulxii Cuushaa, fi
8. Mohammad Gammachuu kan jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasan.



