• Sat. Oct 17th, 2026

WBOn Zoonii Kibbaa Konyaa Gujii Lixaa Aanaalee Adda Addaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe

Feb 28, 2024

ONM-ABO Guraandhala 28, 2024

Gootichi Waraanaa Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa har’atti barii sa’a 10:00 hanga 4:00tti tarkaanffi aanaale garaagaraa keessatti yeroo walfakkaata keessatti fudhateen injifannoo galmeessee jira.

Aanaa Galaanaa magaalaa Kombolchaatti waraana bilxiginna mooraa tolfattee uummata nagaa saamuu fi burjaajeessaa turte lama battalatti yommuu ajjeesuun, raashina, uffata fi qawwee AKM 1 hidhannoo sadii waliin irraa hiikee galii taasisuun mooraa keessaas ari’ee baaseera.

Aanaa Dugdaa Daawwaa magaalaa Fincaa’aa seenuun caasaa diinaa tika mootummaa kan ta’e nama maqaan Umar Ayyalee jedhamu to’annoo seeraa jala oolcheera.

Dabalatanis aanaa Bulee Horaa ganda Dogoo Bulchanitti qaama nageenyaa bilxiginna uummata dararu tokko ajjeesuun qawwee AKM- 1 yommuu booji’u, aanuma kana ganda Mirgoo Qorrobbottis poolisii tokko fi milishaa lama du’aan adabeera.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading