• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree keessatti namootni nagaan 18 waraana faashistii PP’n ajjeefamuu fi hedduun madaa’uun dhaga’aame

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 2, 2024

Koreen ajjeechaaf qondaaltota murna bilxiginnaan leenjifamanii uummata nagaatti bobbaafaman duula duguuggaa sanyii raawwachaa jiran akkuma itti fufanitti jiru.

Akkuma kanaanis Guraandhala 30, 2024 godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree bulchiinsa magaalaa Bujjuurraa keessatti jiraattotni gandoota baadiyyaa irraa gabaa deeman namootni 18 ajjeefamuu fi kanneen mada’aanis hedduu akka ta’an jiraattotni ONM’tti himan.

Akka jiraattotni jedhanittis guyyaa sa’a 5:00 irratti bakka namootni daldalatanitti dhukaasa banuun namoonni kunneen akka ajjeefaman ibsu.

Namoota ajjeefaman keessaa kan maqaan nu ga’e Mirreesaaa Mitikkuu ganda qotee bulaa Damee Ceekaa, Fayyisaa Margaa ganda Biceeruu Makkanniisaa fi Yoonaas Kan jedhamu dabalatee namoota 18 akka ta’anis himaniiru

Leave a Reply