• Sun. Mar 15th, 2026

Godina lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti murni bilxiginnaa uummata Oromoo buqqisuun saba Amaaraa qubsiisaa jiraachuun barame

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 1, 2024

Murni bilxiginnaa yeroo irraa gara yerootti leellistoota sirna Minilik akka waan Oromoo irraa lafti hafee jiruutti, akkasuma saba Amaaraa irraa jaalatamummaa argachuuf jecha Oromiyaa keessa fidanii qubsiisuun uummata Oromoo dachee isaa irratti ajjeechaa dabalatee hanga saamichaa raawwachisaa jiru.

Akkuma maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun murni bilxiginnaa waggoota sadan darban Wallagga bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa dabalatee bakkeewwan hedduutti leellistoota murna bilxiginnaa kanatti meeshaa hidhee uummata hedduu lubbuu isaanii galaafachiisee fi qe’ee irraa qabeenyaan isaanii saamamuun godansifamaan ammas gochootuma sana raawwachisuuf jecha lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessa konkolaataa Taataa hedduun fidanii qubachisuu jiraattotni himatu.

Leellistoota kanneenis Guraandhala 28, 2024 magaalaa Baakkoo ganda Dambii_Gobbuu bakka addaa mana kuusaa jedhamu qubachiisanii jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Namoonni leellistoota murna bilxiginnaa kana fiduun uummata nagaan jiraatu nageenya isaa booreessuuf jecha kana gochaa jiran Kaabinoota aanichaa fi bulchiinsa magaaalichaa ta’u maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading