• Sat. Sep 26th, 2026

Miseensootni Raayyaa Ittisaa Impaayerattii 4 magaalaa Dambii Doolloo fi aanaa Qondaalaa irraa WBOtti makaman

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 1, 2025

Dhaabbanni waraana bilxiginna Abiy Ahimed fi Impaayerattii itti fufsiisuuf namoota qawwee baachuu danda’an maqaa garaagaraan leenjisee bobbaasuus miseensotni humnaa fi goyomsaan mooraa sana seenan gananii ba’uu itti fufanii jiru.

Keessaayyuu ilmaan Oromoo sarbamiinsa mirga namaa Oromoo irra ga’aa jiruu fi tuffii mooraa waraana bilxiginna keessatti ilmaan Oromoo irratti raawwatu hubachuun qawwee fi hidhannoo waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiru.

Kaleessa Guraandhala 29, 2024 miseensotni waraana PP 3 godina Qellem Wallaggaa mooraa waraanaa bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo keessaa ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.

LoltootniPP duraanii nagaan WBO bira ga’an kun qawwee Turkii 2 hidhannoo guutuu waliinii fi isnaappera 1 qabachuun abdii fi gaachana uummata Oromoo WBO bira ga’aniiru.

Kana malees lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gaara Keelloo irraa loltuun bilxiginna tokko Isnaayippera 1, boombii 2 fi rasaasa firii 50 qabachuun WBOtti harka kennatee jira.

Loltootni kunneen sirnichi badiisa irra jiraachuu fi jeequmsi mooricha keessatti hammaachuu ibsuun karoora bilxiginna namoota nagaa ajjeesuu fi lola banuun lubbuu loltoota isaa fixuu ta’eef galtee ta’uu irra qabsoo saba keessanii WBOn geggeefamaa jirutti makamaa jechuun ilmaan Oromoo mooraa waraana bilxiginnaa keessatti hafaniif dhaamsa dabarsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading