• Sat. Sep 26th, 2026

Waraanni faashistii PP Qeerroo tokko godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti ajjeesan

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 2, 2024

Waraanni sirna nama nyaataa PP lubbuu ilmaan Oromoof naasuu tokko hin qabne godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti qeerroo tokko ajjeesan.

Gareen faashistii PP kun kaleessa Bitootessa 1 qeerroo maqaan isaa Qalbeessaa Shifarraa jedhamu galgala irraa toora sa’a 4:00 irratti aanaa Sayyoo ganda Riphaa Guutee Sooyyamaa bakka Shum’ee jedhamutti mana isaa keessaa gadi waamuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii karaa irratti gatan.

Qeerroon kun nama hojii dhuunfaa isaa hojjetatu malee tuttuqaa siyaasa kam irraayyuu walabaa ta’uu uummatni naannichaa dhugaa ba’us, ergamtootni Abiy Ahimed garuu ol adeemaa kana ajjeesuuf harki isaanii qarabaa qawwee harkisuu irraa of hin qusanne.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading