• Tue. Nov 24th, 2026

Zaambiyaan gogiinsa walqabatee labsii hatattamaa biyyoolessaa labsite

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 1, 2024

Pirezidaantiin Zaambiyaa Hakayinde Hichilema gogiinsa yeroo dheeraaf biyyattii miidhe furuuf muddama biyyaalessaa labsan.

Obbo Hichilema Kamisa waaree booda sabaaf haasawa taasisaniin walumaa galatti aanaalee 116 keessaa aanaaleen 84 miidhaan irra gaheera jedhan.

Zaambiyaan rooba ga’a hin taane mudachaa kan ture yoo ta’u, anniisaan ishee harki caalaan madda bishaanii irraa waan ta’eef biyyattiin beela mudatuu fi fedhii humna ibsaa ishee guutuuf rakkachuu malti jedhamee sodaan jiru dabalaa dhufeera.

Sadarkaan bishaanii Hidha Kaaribiyaa – kan Zaambiyaa fi ollaan ishee Zimbaabuween humna bishaaniitif itti fayyadaman – hanga Muddee darbeetti kuusaa itti fayyadamuu danda’an keessaa gara %11.5tti gadi bu’eera. Pireezidaantichi gogiinsi kun humna meeggaa waattii 450 ol maddisiisuu irratti dhiibbaa akka qabu himaniiru.

Lafti midhaan dhaabuuf oolu walakkaan jechuun ni danda’ama gogiinsa kanaan miidhameera jedhan.

Obbo Hichilema akka jedhanitti, mootummaan isaanii hanqina jiru guutuuf boqqolloo fi nyaatni biroo dabalataa gara biyyaatti akka fidaman ni hojjeta jedhan.

Humnoota ittisaa Zaambiyaa “lola kana keessatti lubbuu keenya fi maatii baraaruun gogiinsaaf furmaata yeroo dheeraa uumuuf” akka fayyadamu dubbataniiru.

”Qonnaan bultoota walitti buusuun midhaan dabalataa dhaabuuf waliin hojjenna. Qonnaan bultoota gogiinsa kanaan miidhamaniif sagantaalee deggarsa hawaasummaas ni guddifna,” jedhan.

“Michoonni keenya biyya keessaa fi idil-addunyaa hundi nyaata dabalataa harka jiru kamiyyuu akka fayyadamanii gargaarsa akka kennan waamicha goona. Michoonni tokko tokko deggarsa isaanii dhiyeessuuf waadaa isaanii kan babal’isaniiru. Kanneen akka Ingilizii, UN, Garee Baankii Addunyaa fi kanneen biroo” warreen waadaa seenanii dha.

Qonnaan bultoonni gogiinsa kana dandamachuuf mala jallisii akka fayyadaman waamichas dhiyeessaniiru. Qonnaan bultoonni miliyoona tokkootti tilmaamaman gogiinsa kanaan miidhamaniiru.

Obbo Hichilemaan mootummaan isaanii qooda fudhattoota adda addaa, namoota siyaasaa mormitootaa fi waldaa waliin ta’uun haala kana furuuf akka hojjetu dubbataniiru.

Miidiyaaleen hawaasaa viidiyoo fi suuraa ooyiruu midhaan du’aa ykn gogiinsaan badaa jiruun guutameera jechuun BBCn gabaaseera.

Leave a Reply