• Wed. Nov 25th, 2026

Diigamiinsa manneenii Mootummaa Naannoo Hararii keessatti raawwachaa jiruun uummata Oromoo irraan miidhaan lubbuu fi qaamaa qaqqabuun barame

Mar 4, 2024

ONM-ABO Bitootessa 4, 2024

Guyyaa har’aa Mootummaa Naannoo Hararii magaala Harar keessatti uummatni Oromoo baay’een caasaa bulchiinsaa fi waraanaa bilxiginnaan miidhamaa oole.

Waraanni faashistii fi caasaa bulchiinsa bilxiginnaa har’a lafa barii toora sa’a 10:00tti dhaquun sa’a 11:00 irraa qabanii magaalicha ganda 01 bakka addaa ganda Feerroo jedhamuun beekamu keessatti manneen uummataa maqaa ijaarsa seeraan alaa fi misoomaaf barbaanneen irratti diigaa turan.

Caasaa faashistii PP humnaan manneen uummataa diigaa turanii fi uummata gudduutti wal dura dhaabbannaa dhalateen dhukaasni hanga ganama sa’a 2:00tti geggeeffame.

Dhukaasa kanaanis waraanni maafi’aa PP uummata keessaa namoota 5 kan rukutan yoo ta’u, isaan keessaa 2 du’ee 3 du’aa fi jireenya gidduutti argamuun barameera.

Gochi lafa Oromiyaa irratti Oromoon abbummaa dhabee maqaa bulchiinsa Harariin mootummaa naannichaa keessatti hanga lubbuutti aarsaa kafalaa jiru kun jabaachaa waan jiruuf ilmaan Oromoo naannichaa tokkummaan dura dhaabbachuun akka mirga jiraachuu keessan kabachiistan jechuun kan dhaammatan ilmaan naannichaati.
.

Leave a Reply