ONM-ABO Bitootessa 4, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn kaleessa Bitootessa 3 ganama obboroon Lixa Wallaggaatti moonaa diinaatti cabsuun diina buqqisee injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Lixa Wallaggaa aanaa Ganjii keessatti tarkaanfii korommiiwwan WBO waraana faashistii PP irratti fudhataniin, humna diinaa irraa 10 battalatti ajjeesuun, 6 ammoo madoo dandammii hin qabneen gaggeessee jira.
Meeshaalee lolaa qawwee fi hidhannoolee garaagaraa irraa hiikuunis dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
