ONM-ABO Bitootessa 5,2024
Waltajjii kaleessa Bitootessa 4, 2024 maqaa mana maree nageenya godina Qellem Wallaggaan magaalaa Dambii Doollootti taa’ameen gareen faashistii PP sakatta’iinsa haaraaf qophii ta’uu ibseera.
Maree guyyaa kaleessaa geggeeffame kana irratti kaabinoota waajjira nageenyaa aanalee, abbootii alangaa, poolisii fi raayyaan ittisa impaayerattii hirmaataniiru.
Waltajjii kanas maqaa koomaandpoostii godina Qellem Wallaggaa jedhuun manni maree nageenyaa kan waame yoo ta’u, hoogganaan raayyaa ittisa impaayerattii Jeneraal Ababawuu geggeessaa akka ture barameera.
Maree kanaanis Waraanni Bilisummaa Oromoo nu balleessuuf ejjennoo dhumaatiin hojjechaa waan jiruuf nutis, isaan fixuun tarkaanfii xumuraa fudhachuu qabna jedhan.
Bakka mooraa isaanii hunda ni beekna, sochii isaanii ni beeknaa fi dhiyeessii isaanii cufnee duulatti galla jedhaniiru.
Sakatta’iinsa haaraa eegalan kana keessatti waraanni isaanii bobbaa dheeraa fudhatee hawaasa lafa beeku waliin kan socho’u yoo ta’u, hawaasni naannoo naannoo isaas akka sakkatta’u ni taasifama.
Hariiroo hawaasaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo addaan kutuuf ammoo ajjeechaa raawwachuun reeffa gatuun, maatiin bakka birootti darbeera akka jedhamu jechuun murteeffachuu isaanii gabaasni keessoo isaaniitii nu qaqqabe ni addeessa.




