• Sun. Mar 15th, 2026

Baha Oromiyaa Godina Harargee keessatti murni PP hawaasa nagaa ajjeesuu fi madeessuun dhagaa’ame

Mar 6, 2024

Bitootessa 6, 2024

Ilmaan Oromoo gidiraa baroota isaa keessatti argee hin beekne bara bulchiinsa bilxiginnaa keessa Oromiyaa keessaa fi naannoolee Oromiyaa daangeessanii jiran keessatti bakkeewwan hedduutti ajjeechaan daangaa hin qabne irratti raawwatamuun qabeenyi isaas saamamaa jira.

Haaluma kanaan Bitootessa 4, 2024 Godina Harargee bahaa magaalaa Harar keessatti gareen faashistii PP mootummaaa naannoo Harar waliin Wal ta’uun ilmaan Oromoo maqaa pilaanii magaalaa eeguu jedhu Sababa godhachuun mana uummataa irratti diiguu hammeessanii jiru.

Wayita uummanni Gochaa isaan irraa dalagan kana mormatan hawaasicha irratti dhukaasa banuun namoota Shan ajjeesuun baay’ee isaanii madeessuu maddeen ONM’tti himan.

Maqaan namoota ajjeefamanii kunneenis Qamar Abdoo , Abubakar Geetahuun, Lammii Muummee, Muraad Yohaannisii fi Bahar namoota jedhaman yoo ta’u mootummaan naannoo Hararii kun irra deddeebiin uummata Oromoo magaalicha keessa jiraatan dirqamaan walitti guuruun iddoo dhaloota keessaniitti isin deebisna jechuun dararaa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading