• Wed. Nov 25th, 2026

Paarlaamaa fi Manni Maree Gamtaa Awurooppaa oomishaalee hojii humnaatiin hojjetaman dhorkuuf waliigalan

Mar 6, 2024

Bitootessa 6, 2024

Waliigaltichi itti gaafatamummaa adda addaa Komishiniin Gamtaa Awurooppaa fi biyyoonni miseensa ta’an dhaabbilee hojjettoota humnaan fayyadamanii fi oomisha isaanii dhorkan adda baasuu irratti qaban ifa godha.

Waliigaltichi moodeela daldalaa dhaabbilee kanaa cabsuuf kan yaadame ta’uu Ministirri Diinagdee fi Hojjetaa Beeljiyeem Piyeer-Yives Dermayine ibsa kennaniin himaniiru.

“Dambii kanaan oomisha isaaniif gabaa tokkicha keenya irratti, Awurooppaattis ta’e biyya alaatti kan oomishaman, bakki akka hin jirre mirkaneessuu barbaanna,” jedhan. Yeroo ammaa kana Beeljiyeem pirezidaantii jijjiirraa Gamtaa Awurooppaa qabattee jirti.

Uggurri kun meeshaalee hojii humnaatiin Gamtaa Awurooppaatiin alatti hojjetaman irratti fi oomishaalee Gamtaa Awurooppaa keessatti kutaalee hojii humnaatiin biyya alaa hojjetaman waliin oomishaman irratti kan raawwatamu ta’a.

Waliigalteen yeroo Kibxata kaleessaa irraa ga’an kun ammallee hojiirra ooluuf Paarlamaa Awurooppaa fi Mana Mareetiin sirnaan raggaasifamuu qaba jechuun gabaasa Ajaansi Firaansi Pirees irraa argate France 24 gabaaseera.

Leave a Reply