• Wed. Nov 25th, 2026

WBO’n aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti tarkaanfii guggubduu humna weerartuu PP irratti taasisaa turuun himame

Mar 8, 2024

ONM-ABO Bitootessa 8, 2024

Har’a Bitootessa 8 waraanni gabroomfataa PP godina baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa mooraa Xoorsee irraa maqaa sakatta’insa Waraana Bilisummaa Oromoon gara ganda Qubannaa Horootti kan bobbaate yoo ta’u, gootichi waraana bilisummaa Oromoo haxxee itti hidhuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun du’aa fi madoon adabaa turuun barame.

Hanga gabaasni kun qindaa’eetti lollichi itti fufee kan jiru yoo ta’u, gootichi waraana bilisummaa Oromoo ganda Qubannaa Horoo irraa gara mooraa irra dhufteetti deebisuun, mooraa isheetti seenee lolaa turuu fi loltaa bilxiginnaa shanis booji’uun beekameera.

Gabaasa guutuu akkaataa nu qaqqabeen isiniif dhiyeessina.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply