ONM-ABO Bitootessa 8, 2024
Uummanni Oromoo yeroo ammaa afaan qawween doorsifamuun ofii rakkatee akkatti nyaatu dhabuun hidhattoota sirnichi hawaasa nagaatti bobbaaseen beelaa fi rakkoo qaala’insa jireenyaan gadadoo Jireenyaa keessatti kufee biyya irraa godaanaa jira.
Maqaa gibiraa, inshuuraansii fayyaa, nyaata milishaa fi deggarsa raayyaa ittisa biyyaa jedhuun afaan qawween uummaticha maallaqa humnaa olii fi midhaan jechuun waan baratamaa uummanni Oromoo ittiin yeroo ammaa rakkachaa jiruudha.
Haaluma kanaan Harargee aanaa shanan dhuuggoo ganda barakaa keessatti caasaan milishaa nyaata milishaa jechuun dirqamaan tokkoo tokkoo hawaasaa irraa qarshii 300 fi midhaan Mishingaa kilograma 25 irraa fuudhaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Akkasuma baatilee muraasa dura maqaa gibira jedhuun uummata irraa kan waggaa darbee irratti dhibba sadii dabaluun akka irraa guuraa turan himuu, baatii tokko boodas ajandaa mataa isaanii baafachuun saamicha ni raawwatu jechuun dabaluun ibsaniiru


