ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Lakkoofsi lammiilee Falasxiin haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiruun du’anii 30,878 ga’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa Jimaata kaleessaa beeksise.
Sa’a 24’n darban keessatti waraanni Israa’el namoota 78 ajjeesee namoota gara 104 ammoo madeesse jechuun ibsa gaazexeessitootaaf kan kenneen yoo ta’u, walumaagalatti namoota kuma 30 ol du’an keessaa gara dhibbeentaa 72 dubartootaa fi daa’imman akka ta’an ibseera.
Ji’oota shan dura Israa’el haleellaa tasa Hamaas magaalota Israa’el irratti Onkoloolessa 7 raawwachuun namoota gara 1200 ajjeesuun 200 ol booji’eef deebii kennuudhaan duula waraanaa guddaa Gaazaa irratti geggeessaa jiraachuu Jiinuwaan gabaaseera.
Gama biraan gargaarsi namoomaa US Ameerikaan qilleensa irraan lammiilee Falaasxinootaaf guyyaa kaleessaa irraa buusuu eegalte namoota 5 ajjeesuu Aljazeeraa fi miidiyaaleen biroon gabaasaa turan.












