• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii bahaa aanaa Dhaabaa Shanan Kooluu keessatti maqaa WBO nyaachistaniin namoota mana hidhaatti guuraa jiraachuun beekameera

Mar 11, 2024

ONM-ABO Bitootessa 11, 2024

Murni bilxiginnaa siyaasni harkatti kufe, hiddaan dhaabee ijaaruuf jecha hawaasa siyaasa irraa walaba ta’ee jiraatu, ajjeechaa fi hidhaan jiilchuu kan jedhu of dura qabee rakkoo uumaa jiru jabeessee jira.

Bitootessa 8, 2024 godina Arsii bahaa aanaa Shanan Kooluu ganda Unkee jedhamutti sochii gochuun waraanni maafi’aa PP namoota nagaa hojii isaaniitti bobba’anii jiran jumlaan qabee hidhaatti naqee jiraachuun himameera.

Namootni maqaa WBO nyaachistan, daandii agarsiistan, heeruu laattanii fi maqaa dharaa adda addaan yakkamuun hidhaman maqaan isaanii: Haliimaa Hajjii, Adamoo Abdallaa Aliyyii, Bashaatuu Ahimediin Hasanee, Mo’aaz Abdallaa Hasanee fi kanneen maqaa hin argatin jirru danuu akka ta’an jiraattotni himaniiru.

Leave a Reply