ONM-ABO Bitootessa 11, 2024
Imbaasiin Raashiyaa Waashingitan jiru nageenya ergama dippilomaasii mirkaneessuuf filannoo pirezidaantii torban kana Raashiyaa keessatti gaggeeffamu dura Ministeera Dhimma Alaa U.S. waliin “quunnamtii cimaa” qabaachuuf akka ta’e ambaasaaddarri Anaatoolii Antonov Wiixata har’aa ibsaniiru.
Waggaa lama dura Yukireen irratti weerara guutuu kan jalqaban Pirezidaanti Vilaadmiir Puutiin sagalee filannoo Bitootessa 15-17 gaggeeffamuun marsaa haaraa waggaa jahaaf injifachuuf jiru. Kunis Joozeef Istaaliin caalee waggoota 200 oliif hogganaa Raashiyaa yeroo dheeraaf tajaajilaa ture ta’uu isa dandeessisa.
“Haala kaka’umsa yeroo hunda itti mul’atu keessatti imbaasichi tasgabbiidhaan hojjeta. Dhimmoota gurmaa’ina filannoo dhufuun walqabatan haala daldala fakkaatuun ilaalaa jirra,” jechuun Antonov chaanaalii ergaa Telegram imbaasichaa irratti caqasameera.
“Tajaajila dhoksaa Ministeera Dhimma Alaa waliin walitti dhiyeenyaan wal qunnamtii qabna. Ameerikaanoonni nageenya ergama dippiloomaasii mirkaneessuuf dirqama isaanii ni ba’u jennee eegna.”
Antonov kaka’umsa akkamii akka eeru hin ibsine, “sadarkaan dubbii jibbiinsa Raashiyaa” bulchiinsa Pirezidaantii Joo Baayiden “chaartii irraa fagaateera” qofa jedhe.
Torban darbe Raashiyaan ambaasaaddara U.S. Moskoo jiru waamtee dippilomaatota Ameerikaa dhimma keessoo ishee keessa seenanii jiran jettee yaaddu filannoo kanaan walqabatee ”gocha diigumsaa fi odeeffannoo babal’isan” akka ariitu akeekkachiiftee turte.
Dhuma baatii Onkoloolessaa keessa Baayiden Puutiin ”maraataa” jechuun kan waaman yoo ta’u, torban darbe haasaa Haala Gamtaa irratti taasisaniin pirezidaantiin U.S. haasawa Puutiin irratti kallattiin kennaniin ”hin jilbeenfadhu” jechuu gabaasa Rooyitars Arab News balballoomseera.
