ONM-ABO Bitootessa 11, 2024
Waraanni faashistii PP ilmaan namaaf naatoo dhabuun, safuu fi duudhaa sabni Oromoo qabu hundumaa dhabamsiisuun bakka hundumaatti ajjeechaa sukanneessaa fi gurra namaatiif dhaga’uun jibbisiisu raawwachuu jabeessanii jiru.
Akkuma kanaanis torbee darbe godina lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Botoroo Cuqursaa jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Gaarummaa Tuulii jedhamu ajjeesuun beekame.
Waggaa tokko keessatti maatii dargaggoo ajjeefamee keessaa namootni Shan ajjeefamuu jiraattotni kan himan, abbaan Gaarummaa abbaa Gadaa ta’uun tajaajilaa kan turan obbo Tuuliinis kanaan dura waraana gabroomsaa PP’n akka ajjeefaman dabaluun himaniiru.
Ajjeechaan raawwachaa jiru onicha keessatti jabaachuun ganda Aallee Keessatti osoo hawaasni cidharra jiruu halkan keessaa naannoo sa’a 7:30’tti waraanni kunneen mana cidhaatti gadda uffisuun namoota lama kan maqaan isaanii Taliilaa Darajjee fi Gammadaa Malaakuu jedhaman ajjeesuun namoota 4’s madeessuun beekameera.
Namootni madaa’an kunneen maqaan isaanii Baaccuu Olaanaa, Dagginash Birraatuu, Gammadaa Efreem fi Yaahiqoob Bashuuraa kanneen jedhaman ta’uun ifoomeera.



