• Thu. Nov 26th, 2026

Lola leellistoonni sirna moofaa durii Faannoo ofiin jedhan uummata Oromoo Walloo irratti taasisaa jiraniin lubbuun namoota 6 darbuun namoonni kudhan yoo madaa’an, qabeenyis manca’e

Mar 12, 2024

ONM-ABO Bitootessa 12, 2024

Eenyummaa uummata Oromoo Walloo balleessuuf duula qindaa’aa murna bilxiginnaa waliin ta’uun leellistoonni sirna moofaa durii uummata nagaa irratti bananiin guyyaa irraa gara guyyaatti lubbuun hawaasichaa akka baalaatti harca’aa fi qabeenyi inni waggootaaf itti dafqee horate jalaa gubachuun barbada’aa jira.

Guyyaa kaleessaa Bitootessa 11, 2024 lola ganama barii irraa eegaluun humnoonni kunneen hawaasa nagaa irratti hanga galgala dukkanaatti aanaa Jiillee Dhummuugaa iddoo Kollaash jedhamutti taasisaniin lubbuun namoota 6 yoo darbu, namoonni kudhan madaa’uun qabeenyi hawaasaas saamamuu fi gubatee barbadaa’uu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni jedhanitti lolichi itti fufee jiraachuu fi humnoonni kunneenis humna dabalataa duubaan waammachaa jiraachuus ibsan.

Akkasumas geejjibni konkolaataa ugguramee turuu fi namootni rakkoo ulfaataa keessatti kufanii akka jiran dubbachuun, kallattii ittiin gabaa fi wantoota bu’uuraalee namaaf barbaachisan bitatan dhabuun egereen uummatichaa hedduu yaadessaa ta’uu himan.

Leave a Reply