• Tue. Nov 24th, 2026

Ministirri Muummee Heeyitii Ari’eel Heenrii marii Jaamaayikaa booda aangoo gadhiisan

Mar 12, 2024

ONM-ABO Bitootessa 12, 2024

Dura taa’aan hawaasa Kaaribiyaan Irfaan Alii, akkasumas pirezidaantiin Gaayana, tajaajila Heeyitiif kennaniif Ministeera Muummee Heeyitii duraanii Heenrii galateeffachuun, “Mana maree pirezidaantii ce’umsaa hundeeffamee fi muummichi ministeeraa yeroo moggaafamuu isaatiin aangoo gadhiisuu isaaf beekamtii ni kennina” jedhan.

Heenriin dhuma baatii darbee ergama nageenya idil-addunyaa Mootummoota Gamtoomaniin deggaramu, poolisiin garee hidhatan akka lolu gargaaruuf gara Keeniyaa kan imalan yoo ta’u, yeroo inni hin jirretti jeequmsi guddaan magaalaa guddoo Poort-o-Priins keessatti hammaachuun naannoo US Poortuu Riikootti hafe.
Heenriin aangoo gadhiisuun isaa kan mul’ate, hooggantoonni naannichaa Wiixata kaleessaa naannoo Jaamaayikaatti walga’anii bu’uura ce’umsa siyaasaa irratti yeroo mari’atanitti yoo ta’u, US Ameerikaan torban darbe “saffisaan” akka ta’u gaafattee turte. Gareen hidhattootaas Heenriin aangoo akka gadhiisu gaafatanii turan.

Qondaaltonni naannichaa miseensota paartilee siyaasaa Heeyitii, damee dhuunfaa, waldaalee siivikii fi gareewwan amantii hirmaachisuun marii mana maree ce’umsaa bara 2016 booda filannoo jalqabaaf karaa saaquuf kaayyeffate irratti bobba’aniiru.

Lammiileen Heeyitii hedduun malaammaltummaadhaan kan ilaalan Heenrii, jalqaba nageenyi deebi’uu qaba jechuun irra deddeebiin filannoo yeroo biraatti dabarsee ture.

Ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antony Blinken Wiixata kaleessaa walgahii hooggantoota Kaaribiyaan waliin Jaamaayikaatti taasisaniin booda humna biyyoota hedduu gara Heeyitiitti bobbaasuuf doolaara miiliyoona 100 dabalataan akka kennan beeksisaniiru.

Blinken akkasumas gargaarsa namoomaa doolaara miiliyoona 33 kan biraa fi yaada waloo hooggantoonni Kaaribiyaanii fi “qooda fudhattoonni Heeyitii hundi ce’umsa siyaasaa saffisiisuuf” fi “kolleejjii pirezidaantii” uumuuf waliigaltee irra ga’e uumuu isaa beeksiseera.

Manni maree kun ”fedhii hatattamaa” uummata Heeyitii guutuu, ergama nageenyaa bobbaasuu dandeessisuu fi filannoo bilisaaf haala nageenyaa barbaachisaa ta’e uumuuf hojiin itti kennama jedhan Blinken jechuun gabaasaan France 24, AFP fi Rooyitars ni addeessa.

Leave a Reply