• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Harargee aanaa Ciroo keessatti saamicha, hidhaa fi manneen gubuun murna bilxiginnaan jabaate

Mar 13, 2024

ONM-ABO Bitootessa 13, 2024

Baha Oromiyaa keessatti dararaan murna bilxiginnaan adeemsifamaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa Kan turre yoo ta’u, hawaasni hanga ammaatti nurraa hin dhaabbatin jira jechuun komii guddaa murna bilxiginnaa irraa akka qabanis ONM’tti himaniiru

Godina lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Waaccuu Limaay keessatti waraanni maafi’aa PP namoota nagaa yakkoota siyaasaa hojjettan jechuun dharaan yakkuun manneen hidhaatti naqanii akka jiranis dubbatu.

Namootni hidhamuun hiraarfamaa jiranis maqaan isaanii: Ibsaa Shaashoo, Shukurii Jamaal, Yoonis Mohaammed, Jamaal Abraahim, Guutamaa Mohaammed fi kamaal Muhee kanneen Jedhaman dabalatee namootni hedduun Bitootessa 9,2024 qabamuun hanga har’aatti hidhamanii jiraachuus himu.

Oduu manneen gubaatiin wal qabatuun ammoo Kamaal Muhee erga qabanii booda mana isaa gubuun kan himamu, Mohaammed Ibroo fi ilma isaa Gaaddisaa jalaa mana gubuun loon 3 Kan qarshii 180,000’tti tilmaamamu jalaa ooffachuun yoo hidhan, Shuyeebii Mohaammed, Yaaqinee kamaaluu fi Muhee Arabuu kanneen jedhamanis mana jalaa gubuun hidhuun beekameera.

Leave a Reply