ONM-ABO Bitootessa 13, 2024
Xiyyaarri geejjiba waraanaa Raashiyaa kufuun, balaa xiyyaarota gatii guddaa qaban waraana Yukireen gidduutti mudate keessaa isa dhumaa ta’uun ibsameera.
Xiyyaarri waraanaa kufe kun IL-76 yoo ta’u, naannoo Ivaanoovoo keessatti yeroo gadi bu’u hojjettoota saddeet fi imaltoota torba qaba ture.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti waa’ee namoota du’anii ykn lubbuun hafanii odeeffannoon kenname hin jiru.
Bulchaan Ivaanoovoo Istaanisilaav Voskiresensiky maatii namoota lubbuun darbaniif gadda itti dhaga’ame ibsuun, lafa irratti miidhaa akka hin geessisne mirkaneessaniiru.
Ministeerri Ittisaa balaan kun yeroo balali’u ibidda motoraa mudateen ta’uu akka hin oolle ibsuun garee qorattootaa qorannoo dabalataaf gara Ivaanoovootti ergeera.
Taatee kun kan mudate wayita haleellaa diroonii Yukireen Wiixata halkan Raashiyaa irratti raawwatte hedduun gabaafamaa jirutti. Yeroo darbe dirooniin Yukireen buufataalee qilleensaa waraanaa naannoo Raashiyaa keessa jiran gadi fageenyaan irratti xiyyeeffachuun isaanii mul’ateera.
Ogeeyyiin waraanaa akka ilaalanitti, erga waraanni Yukireen jalqabee lakkoofsi balalii Raashiyaa irraa dhufu dabalaa dhufeen, lakkoofsi balaa xiyyaaraas dabalaa dhufeera jechuun gabaasni Associated Press fi Euronews ni agarsiisa.






