ONM-ABO Bitooteessa 15, 2024
Mootummaan Yugaandaa ida’amuu naannoo guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiruun, afaan Kiswahili biyyattii keessatti beeksisuu fi barsiisuuf doolaara miiliyoona 800 ramadeera.
Sagantaa leenjii afaan Kiswaahilii hanga ammaatti hin ibsamne kanaan doktoroota, narsootaa fi hojjettoota daangaa dabalatee hojjettoonni mootummaaf dursi ni kennama jedhan Ministirri Dhimma Baha Afrikaa Yugaandaa Rebekaa Kaadagaa.
Ministirri kun sagantaan leenjii kun yoomii fi akkamitti akka ifa ta’u bal’inaan hin ibsine.
Akka qaama tattaaffii afaan kana biyyattii keessatti jaallatamuuf taasifamaa jiruutti, Aadde Kaadagaan akka jedhanitti, ministeerota kaabinee fi abbootii murtii dabalatee qondaaltonni mootummaa olaanoo hundi torban torbaniin barnoota dirqamaa fudhachaa akka jiran himaniiru.
Ji’a Adoolessa 2022 keessa mootummaan Yugaandaa afaan Kiswahili akka afaan hojiitti akka fudhatamu kan raggaasise yoo ta’u, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaffaa keessatti gosa barnootaa dirqamaa akka ta’u qajeelfama kenneera.
Garuu afaan kun yeroo ammaa manneen barnootaa sadarkaa 2’ffaa muraasa biyyattii keessatti barsiifamaa jira jedha gabaasni kun.
Addunyaa irratti namoonni gara miliyoona 200 ta’an afaan Kiswahili kan dubbatan yoo ta’u, bara 2021’tti afaan kun guddina guddaa kan argate yeroo UN Adoolessa 7 guyyaa Afaan Kiswahili Addunyaa taasisee muude ture.
Akkasumas afaan kun afaan hojii gamtaa naannoo Baha Afrikaa, EAC ti.
Bara 2019’tti afaan Kiswaahilii afaan Afrikaa Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaa (Sadc) biratti beekamtii argatee dha.
Akkasumas daree barnootaa guutuu Afrikaa Kibbaa fi Bootswaanaatti akka dhiyaatu gochuuf tattaaffiin taasifamaa jira jechuun BBC gabaaseera.





