• Tue. Nov 17th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti dargaggoon tokko waraana faashistii PP’n ajjeefame

Mar 17, 2024

ONM-ABO Bitootessa 16, 2024

Dargaggoota abdii biyyaa ta’an jumlaan hidhee hiraarsuu, manneen hidhaatii baasee ajjeesuu fi akka meeshaa lolaatti itti fayyadamee siyaasa kan geggeessu murni bilxiginnaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti duguggaa sanyii geggeessaa jira.

Bitootessa 13, 2024 godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Goobuu jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Mootummaa Haallabbaachoo jedhamu waraanni maafi’aa PP yakka tokko malee rasaasaan waaduun ajjeesuun himame.

Dargaggoon ajjeefame kunis maatii isaa biraa hojiif gara bakka biraa imalaa osoo jiruu qorannoo fi gaaffii tokko malee waraanni ilmaan namaaf naasuu hin qabne shakkii WBO waliin hojjetta jedhuun akka ajjeesanis namootni itti siqeenyaan beekan dubbatu.

Uummatni aanaa Giddaa Ayyaanaa Gama tokkoon garee finxaaleeyyiii Amaaraa Faannoon ajjeefamaa, Kallattii biraan ammoo bulchiinsa sirna bilxiginnaan duguuggaan irratti raawwatamaa jiraachuun sabicha irratti ta’e jedhee hammeenyummaa dalagamaa jiru ta’uu kan nama hubachiisuudha jechuun dubbatu.

Leave a Reply