• Sun. Mar 15th, 2026

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti dargaggoonni fi maanguddoonni haala sukkanneessaan hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun beekame

Mar 18, 2024

ONM- ABO Bitootessa 18, 2024

Bilxiginnaan impaayera Itoophiyaa kufaatii jalaa baraaruuf jecha namoota qulqulluu qaroo uummataa ta’anii fi abdii egeree biyya kanaa ta’an  ija shakkiin ilaaluun Oromiyaa keessatti mana hidhaatti naqee achii ammoo halkan baasuun ajjeesanii bakkeetti gatuun bineensa nyaachisuu bira darbee mana hidhaa keessattis murtii seeraa malee baatii dheeraaf hidhee hiraarsaa jira.

Murni bilxiginnaa mana hidhaa dhoksaatti ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an hidhee dararaa kan jiru yoo ta’u baha Shaggar aanaa Booraa keessatti maanguddoota dadhaboof dargaggoota jumlaan mana hidhaatti naquun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni himan.

Namoota mana hidhaa aanichaa keessatti murtii seeraa malee hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa kanneen jiraattonni ONM’f maqaa isaanii qoodan obbo Malkaa Fajjoo umurii 44 ganda Jirimee Booraa, obbo Saadam Bokonaa umurii 38 ganda Maallimaa Barii, obboTarrafaa Midhaksoo umurii 53 ganda Goraa lamaan, obbo Aabbuu Miidhaksoo umurii 60 ganda Goraa lamaan, Obbo Namsoo Fiqaaduu umurii 32 ganda Eellan, Obbo Daaluu Baqqalaa umurii 33 ganda Biitee Dhaabaa, maanguddoo Baqqalaa Buttaa umurii 73 ganda Biitee Dhaabaa, maanguddoo Hulluuqaa Lataa umurii 75 ganda Daalotaa Maatii, obbo Gabree Naanneessoo umurii 57 ganda Daalotaa Maatii, Dargaggoo Bobbee Midhaksoo umurii 20 ganda Baartaa Saamii, obbo Lammii Midhaksoo Gadaa umurii 34 ganda Daalotaa Maatii, obbo Waarii Fittaalaa umurii 41 ganda Daalotaa Maatii, dargaggoo Aabbuu Badhoo umurii 19 ganda Daalotaa Maatii, dargaggooTolaa Raabaa umurii 18 ganda Daalotaa Maatii, dargaggoo Galashee Korbuu umurii 17 ganda Eellan, dargaggoo Dabballee Badhoo umurii 17 ganda Eellan, Obbo Danansoo Taliilaa umurii 30 Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu, obbo Dagaagaa Badhadhaa umurii 53 ganda Jirimee Booraa, obbo Cawwaqaa Daadhii umurii 33 ganda Daalotaa Maatii, dargaggoo Tolaa Urgeessaa umurii 17 ganda Qilxuu Ombollee, obbo Indalaa Milishaa umurii 19 ganda Qilxuu Ombollee, dargaggoo Bunee Shankoo umurii 22 ganda Biitee Dhaabaa, obbo Tufaa Urgii umurii 48 ganda Jirimee Booraa, dargaggoo Jufaaraa Dagaagaa umurii 25 ganda Hulluuqqoo Kashii fi dargaggoo Odaa Malkaa umurii 21 ganda Eellan yoo ta’an, dargaggoo Danaansoo Gabree jedhamu ammoo dhaanichaan eega dadhabsiisanii booda du’e jedhanii bakkeetti gatanii erga deemanii booda lubbuun hafuu jiraattonni dubbatu.

Dabalataan hidhamtoonni kunneen hidhaa irraa bahuuf maallaqa hanga qarshii 100,000 – 250000’tti gaafatamaa jiraachuu maatiin isaanii ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading