• Tue. Nov 24th, 2026

Shaggar Sitii magaalota adda addaa keessatti caasaan PP uummata saamuu itti fufan.

Mar 18, 2024

ONM- ABO Bitootessa 18, 2024

Gareen saamichaaf of qindeesse murni bilxiginnaa Shaggar Sitii magaalota adda addaa keessatti uummata saamuu itti fufe.

Murni gargaarsa idil Addunyaa irraa dhabe, giiphii hawaasa hiyyeessaa keessaa guuttachuuf, namoota qaala’iinsa jireenyaan rakkachaa jiran bulchiinsa magaalaa Sabbataa, Keenterii, Walattee fi Furii keessaa manaa mana irra deemuun maqaa buusaa Gonofaa jedhuun qarshii uummata irraa saamaa jiru.

Akka kanaanis mana jireenyaatti qarshii 2000 daldaltoota irraa qr. 5000 – 20,000’tti itti ramaduun diraaqmaan irraa funaanaa jiraachuu maddeen himan.

Warreen kaffaluu didaniin isin hiina jechuun milishaa fi poolisiidhaan doorsisaa kan jiran yoo ta’u, magaalota kanneen keessatti sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo taasifamuu danda’a jechuunis sakattaa fi eegumsa jabeessanii jiraachuun barameera.

Leave a Reply