• Mon. Mar 16th, 2026

Lolli humnoonni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsaman kaaba Oromiyaa Walloo irratti taasisaa jiran itti fufee jira

Mar 19, 2024

ONM-ABO Bitootessa 19, 2024

Eenyummaa isaaf jecha baroota hedduuf aarsaa lubbuu dabalatee hanga qabeenyaan isaa barbaadaa’utti kan har’a ga’e ilmaan Oromoo Walloo har’as leellistoota sirna moofaa duriitiin lubbuu isaa dabalatee qe’ee fi ooyiruu abbaa isaanii irratti aarsaa lubbuu hanga qabeenyi barbaada’uutti jiru.

Lolli qindaa’aan Sabicha balleessuuf karoorfatamee irratti geggeefamaa jiru kun kan bubbule ta’ullee tibba kana garuu lubbuu namoota hedduu fi qabeenyaa irra aarsaa guddaan qaqqabeera.

Akka jiraattotni jedhanitti lolli jabaan hidhattoota kanneeniin irratti geggeefamaa jiru hanga ammaatti kan hin dhaabbanne ta’uu himuun, qaamni hidhattoota kanatti meeshaa kennee hidhachise bilxiginnaanis birmannaa tokkollee akka taasisaafii hin jirre dubbachaa jiru.

Guyyoota darban keessa hidhattootni raayyaa ittisa impaayerattii jedhaman kunneen hawaasa nagaatti duubaan itti dhukaasuun namoota afur ajjeesuun 10 madeessuus dabaluun ibsaniiru.

Waqtii itti hawaasni Soomana irra jirutti hawaasa nagaa dhowwachuun mana isaatti ajjeechaan daangaa hin qabne wayita irratti raawwatamu kanas murni bilxiginnaa callisee ilaaluu fi hawaasicha irratti karaa duubaa tarkaanfii irratti fudhachaa jiraachuus ibsaniiru.

Akkasuma guyyaa har’aa kanas lolli jajjabaan karaa Jiillee Dhummuugaa irraan hawaasa nagaa irratti banamee lubbuu namaa fi qabeenyaa hawaasaa irra qaqqabaa jiraachuu fi hawaasni Oromoo waan dandeessaniin nu bira dhaabadhaayis jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading