ONM-ABO Bitootessa 20, 2024
Gochi hammeenyummaa waraana murna maafi’aa PP’n adeemaa jiru Oromiyaa keessatti dagaagee yeroo ammaa sirna dhablummaa waraanni gabroomfataa PP gochaa jiruun hawaasni nagaan sanyii duguuggaan irratti raawwatamaa jira.
Akka kanaanis Bitootessa 13, 2024 godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu ganda Meexxii jedhamu keessatti namootni nagaan lama waraana maafi’aa PP’n ajjeefamuu kan himamu, maqaan namoota ajjeefamanii kunneenis Xilahuun Hambaa fi Taajuu Tamaam kan jedhaman akka ta’es beekameera.
Waraanni ajjeechaa namoota nagaa irratti taasisan kunneen mana obbo Taajuu Tamaam yeroo deemanitti obbo Xilahuunis waliin waan jiruuf lamaan isaanii maqaa hidhata WBO waliin qabduun dararaa ulfaataa irratti taasisuun rasaasaan waadanii ajjeesuus dabaluun himaniiru.


