• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jillee Dhummuggaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa halkan sa’a 5:30 kanatti manneen gubaa jiru

Mar 21, 2024

ONM-ABO Bitootessa 20, 2024

Aanichaa keessaa gandoota akka Dirrich, Allaala, Bariisisaa, Gubbaa Waaccuu fi Makkannaa Axaayee keessatti gubaa jiru.

Dhukaasni deemaa jira. Guyyaa lola finxaaleeyyii uummata Oromoo Walloo irratti bananiin aanaa Jillee Dhummuggaa keessatti namoonni 11 yoo du’an 20 ol madaa’aniiru.

Lola kana geggeessan finxaaleeyyii Faannoo, milishaa Amaaraa, poolisii humna addaa Amaaraa fi qaamolee bilxiginnaan hidhachiifaman ta’u jiraattonni ni dubbatu.

Leave a Reply