ONM-ABO Bitooteessa 22, 2024
Ministirri Ittisaa Sa’uudii Prinsi Khaalid Bin Salmaan fi Muummichi Ministeeraa Yaman Ahmed Awad bin Mubarak Jiddaatti argamani.
Ministirri Ittisaa Sa’uudii Prinsi Khaalid Bin Salmaan Kamisa kaleessaa MM Yaman Ahmed Awad bin Mubarak waliin Jiddaatti wal argan jechuun Dhaabbanni Pireesii Sa’uudii gabaaseera.
Prinsi Kaaliid nagaa mootii Salmaan fi mootii gonfoo Mohaammad bin Salmaan, akkasumas hawwii tasgabbii fi badhaadhina isaanii ummata Yamanitti dabarsaniiru.
Walga’iin kun haala yeroo ammaa dhimma Yaman keessatti mul’achaa jiru, akkasumas kaartaa daandii mootummoota gamtoomanii nagaa biyyattii hojiirra oolchuuf tattaaffii taasifamaa jiru irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Ergamaan addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Hans Grundberg ji’a Muddee keessa akka jedhanitti karoorri kun paartileen Yaman dhukaasa dhaabuu guutuu biyyattii hojiirra oolchuuf waadaa galan jedhu.
kaffaltii mindaa seektara mootummaa hunda; al-ergii boba’aa deebi’ee jalqabuu; Taayizii fi kutaalee Yaman biroo keessatti daandii banuun; akkasumas uggura Buufata Xiyyaaraa Sanaa fi Buufata Hodeidah daran salphisuu ibsaniiru.
Qondaaltonni adeemsa siyaasaa Yaman deeggaruuf tattaaffii taasifamaa jiru irrattis mari’ataniiru.
Prinsi Kaaliid Mootummaan kun mootummaa fi ummata Yaman karaa guddinaa fi badhaadhina biyyattiif gumaachuun deeggaruuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’anii mirkaneessaniiru jechuun Arab news gabaaseera.

