ONM-ABO Bitootessa 23, 2024
Murni bilxiginnaa abbootii Gadaa akka ofii barbaadetti bakka ofii jedhetti waamuun waan jedhaa jedhaniin hunda jechisiisaa kan turan abbootii Gadaa darban, sirnoonni kunneen amma ammoo waan isaan jedhan sana waan guutamuufii dideef jecha maa nu deggaruu diddeen doorsisni fi sakkattaa’insi irratti geggeefamaa jiraachuu dubbatu.
Bitootessa 20, 2024 qaamonni murna bilxiginnaa mana abbaa Gadaa kan magaalaa Maqii keessatti argamutti ol seenuun sakkattaa’insa jabaa erga geggeessaniin booda waa mana keessaa dhabnaan si ajjeefna jedhanii haadha manaa isaa doorsiisaa turuu maddeen himan.
Murni bilxiginnaa karaa Miidiyaatiin abbootii Gadaa jechuun yoo afarsan keessoon ammoo maaf nu hin deggartaniin dhiibbaa jabaan irratti geggeefamaa jiraachuu yeroo hedduu miidiyaaleetti duddubachaa turuun isaanii ni yaadatama
Waggaa darbe keessas mana obbo Goobanaa Hoolaa kana seenuun qabeenyaa isaa saamuu fi gochaa hin taaneen yakkuun maqa balleessii irratti raawwachuun isaanii ni yaadatama.




