ONM-ABO Bitootessa 23, 2024
Waraanni gabroomsaa PP maqaa sakatta’insa waraana bilisummaa Oromoon bobba’uun hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa hin qabne lubbuu baasuu, hidhaan dararuu fi qaama hir’uu taasisuun teessuma aangoo isaanii hundeen dhaabuuf namoota nagaa hiraarsuu jabeessanii jiru.
Bifuma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Seertuum bakka addaa Dammaa Laga Sokorruu jedhamutti Bitootessa 22, 2024 ganama bariin waraanni magaalaa Seertuum irraa sochii taasisan namoota hedduu ukkaamsuun gara magaalaa Seertumiitti akka geessan himameera.
Namootni humnoota waraana faashistii PP’n qabaman 7 ol akka ta’an jiraattotni kan himan, kanneen maqaa arganne muraasa Waaqgaarii Iddoosaa, Annuuwar Indiris fi Kennesaa kanneen jedhaman qabuun reebicha ulfaataa irratti taasisaniin haalli fayyummaa isaanii yaaddessaa ta’uu ONM’tti himaniiru.
Irra deddeebiin maqaa WBO waliin hariiroo qabduun namoota hidhuun cinatti saamichis hawaasa ona Anfilloo irratti raawwatamaa jiraachuunis beekameera.




