• Mon. Mar 16th, 2026

Lixa Oromiyaa keessatti leenjiin miliishummaa hawaasa hundaaf dirqamaan laatamaa jiraachuun beekame

Mar 23, 2024

ONM-ABO Bitooteessa 22, 2024

Kararoo impaayera Itoophiyaa kufte deebisanii hundeen dhaabuu jedhuun murni bilxiginnaa namoota umuriin isaanii sadarkaa addaa addaa irra jiruu fi hojii loltummaaf kanneen fedha hin qabne dirqamaan lixa Oromiyaa onoota hunda irraa guuraa jiraachuun dhagaa’ame.

Akka maddeen ONM bakkeewwan adda addaa irraa dubbise himanitti, maqaa walga’iif isin barbanneen bulchiinsa magaalotaa irraa jiraattota walitti qabuun namni kamuu leenji’ee biyya eeguu qaba dhaadannoo jedhuun osoo namootni didanii leenjisaa jiraachuus himu.

Bitootessa 20, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa namoota wal-tajjii ganamarraa baasuun meeshaalee booddet-hafoo itti hiruun suuraa kaasaa akka turan Kan himan jiraattotni, namni kamuu dhiiraaf dhalaan itti hirmaachuu qaba akka jedhanis dabaluun himaniiru.

Dabalataanis godina baha Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa keessaa namootni jumlaan guuramaa akka jiranis kan himamu, gandoota baadiyyaa ganda tokko keessaa namootni 75 ol leenji’uu akka qabus sirnichi murteessee hojiitti seenee jiraachuus dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading