ONM-ABO Bitootessa 27, 2024
Bilxiginnaan waraana bilisummaa Oromoo balleessina jedhee otoo olii fi gadi burjaaja’aa ooluu, baay’inni waraanichaa dabalaa deemaa jira. Mortuun otuma mortuu horiin mooraa guuttti akkuma jedhan, otoo PP’n waan dandeessuu hundumaan WBO balleessuu yaaltuu akkuma galaanaa irra dhangala’ee mul’achaa jira.
Akkuma kanaanis waraanni bilisummaa Oromoo Zoonii giddu-galeessaa Kaaba Lixa Shaggar keessaatti kaadhiimamtoota haaraa mooraa garaagaraatti leenjisaa ture, haala hoo’aa ta’een eebbisiisuu beeksiise.
Kaadhiimamtootni kunis bifa adda ta’een leenjiilee kan akka barnoota siyaasaa, leenjii loltummaa akkasumas barruulee dhaabaa garaagaraa yeroo dheraaaf fudhachaa turuun naamusaa fi gahumsa gahaa ta’e erga horataniin booda haala hoo’aa ta’een eebbifamuu Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii giddu-galeessaa beeksiiseera.
Waraanni haaraan leenjii fudhatan kun agarsiisa waraanaa adda addaa erga dhiyeessaniin booda irbuu seenuun ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi cunqursaa bifa kamiinuu uummata Oromoo irratti sirna abbaa irree kolonel Abiy Ahimediin gaggeeffamaa jirutti xumura gochuuf gara dirqama itti aanutti fedhii guutuun bobba’uu Ajajaan WBO Zoonii Giddu Galeessaa ibsaniiru.














