ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024
Bara dhufaa darbaan duula waraanaa bulchitoota impaayerattiin dararaa hamaa dhala namaaf hin malle keessummeessaa kan oolu sabni Oromoo bara bulchiinsa bilxiqinnaa keessa immoo kan mootummoota abbaa irree darbanii caalaa waraana faashistii PP’n hiriirfamaa jira.
Miidiyaalee garaa garaa irratti gad ba’ee akka waan quuqama Oromummaa qabuutti hawaasa sobaa kan oolu kolonel Abiy Ahimed kaabinootaa fi waraana isaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaaseen namoota nagaa ajjeesuu, saamsisuu, hidhuu fi manneen qonnaan bultoota Oromoo abiddaan barbaadeessee qe’ee uummatichaatti gadda haguugaa jiraachuu jabeessee jira.
Haaluma kanaan kaleessa Bitootessa 28, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yattii iddoo addaa Yaagaa jedhamu keessatti mana obbo Maammad Abdurrazaaq ibiddaan gubanii barbadeessuun isas kan ajjeesan yoo ta’u ganda Dalla Shoor iddoo jedhamu keessatti ammoo mana obbo Dirribaa Yaadataa jedhamu cabsanii buna kuntaala 5 jalaa fudhachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.
