ONM-ABO Bitootessa 30, 2024
Shakkii teessuma aangoo isaaf sodaa fi yaaddoo hamaa keessa kan seene murni bilxiginnaa akkuma Oromiyaa kutaa hunda keessatti maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdaan namoota manneen hidhaatti guuraa jiran, gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti babal’isuun ilmaan Oromoo adamsanii hidhuun jabaatee jira.
Akka kanaanis torban kana keessa gochi hamaan hawaasa nagaa irratti waraana maafi’aa PP, humnoota federaalaa fi poolisota idilee magaalaa Finfinneen raawwatamaa jiru namoota daandii gubbaatti argaman bilbiloota harkaa sakatta’uun suuraa fi alaabaa waraana bilisummaa Oromoo fi barreefamoota keessatti argine jechuun qabanii hidhaatti namoota guuraa jiraachuus himaniiru.
Dabalataanis miidiyaalee hawaasaa feesbuukii, Tiiktookii, Teelegiraamii, Imo fi kanneen biroo bananii ilaaluun sobaan yakkanii to’achaa jiraachuun kan himame yoo ta’u, namoonni daandii gubbaa deemuun yaaddoo itti uumuun haala ulfaataa keessa akka jiranis ONM’tti himaniiru.



